IDA'AMUU [978-1-59-907202-9]

$24.95



Author : Abiy Ahmed



ISBN Code : 978-1-59-907202-9
Language : Oromo
Pages number : 286
Format : Paperback

Medemer is the first book by Nobel Peace Prize awardee and Prime Minister of Ethiopia, Abiy Ahmed since he came to power in 2018. In the book, the prime minister advocates for a fresh, Ethiopian-centric approach to the country’s politics, citing the past half-century when previous administrations applied successful ideologies and theories from outside of Ethiopia that failed, being alien to Ethiopian problems and realities. Abiy calls for reversing the trend of importing ideologies for a renewed Ethiopian political ideology that emanates from Ethiopia’s social-political context and taps into the country’s historical and cultural values.

◊ ◊ ◊

Kitaabni Ida'amuu badhaafamaa Noobelii nageenyaa kan ta'an Ministirii Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) erga gara aangoo Muummichaa Ministeerummaatti dhufanii kitaaba jalqabaa isaan barreessani dha. Qabiyyeen kitaaba kanaa rakkoo siyaasaa biyya Itoophiyaa furuudhaaf haala qabatamaa biyya keessaa xiinxaluudhaan yaadama yookiin falaasama siyaasaa haaraa biyya keessaa burqisiisuun akka barbaachisa fi murteessaa ta'e akeeka. Yaadamni siyaasaa nuti akkasumatti biyya alaa irraa ergifachaa turre rakkoo siyaas-diinagdee biyya keenyaaf furmaata waaraa akka hin argamsiisne muxannoon nuti akka biyyaatti jaarraa walakkaa oliif qabnu ragaa dha. Sababa kanaaf, rakkoo siyaas-diinagdee biyya Itooophiyaa furuudhaaf, kitaabni Ida'amuu aadaa fi duudhaa biyya keessaa bu'uura godhachuudhaan yaadama yookiin falaasama siyaasaa haaraa biyya Itoophiyaaf tolu kan akeeku dha.

Kitaabni kun kutaa afur (4) kan of-keessatti qabate yommuu ta'u, falaasamoota addunyaa irratti yaalaman adda addaa xiinxaluudhaan, muxannoo idil-addunyaa haala qabataamaa biyya keenyaa waliin wal-simatan irratti hundaa'uudhaan yaadama haaraa biyya keessaa burqisiisuun akka barbaachisu akeeka. Kanaaf, kitaabni Ida'amuu, akka kanaan dura biyyaa keenyatti barsiifatame qofaa qofaa keenya fiiguu irra humna, qabeenya, beekumsaa fi dandeetti qabnu mara walitti fiduudhaan dilboo yookiin horata guddaa uummachuu qabna jedhee jajjabeessa.

ltoophiyaan biyya namoota dhimmoota garaa garaa irratti yaada gamaa fi gamana dhaabbate qabaniiti. Dhimma seenaa irrati gamaa fi gamana dhaabannee inni tokko isa biraa hubachuun haa afuutii, dhaggeeffachuufuu qofaa'aa miti. Yaada akka dhaala ofiitti fudhatanii tiksuuf tattaaffachuu irra, yaadni kan wal-jijjiiramu, walitti makamu fi xiinxalamu ta'uu isaa hubatee yaada isaa gabbisuuf namni yaalu xiqqoo dha. lnni tokko abaarsa seenaa qofa, inni kaan eebba seenaa qofa dhaga'uu kan barbaadu yoo ta'e waliigaluu hin dandeenyu. Beekumsa haaraa kan barbaannu yaada keenya isa duraanii akka nuuf jabeessuuf qofa yoo ta'e jijjiiramuu hin dandeenyu.

◊ ◊ ◊

Kanaafuu, guddinaa fi misooma diinagdee sirrii fi itti-fufiinsa qabu mirkaneessuun kan danda'amu taatota kanneeniin (mootummaa, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee miti-mootummaa fi dhaabbilee barnootaa) gidduutti hariiroo jabaan yoo uumame qofa dha. Qooddataan isa tokkoo ykn lamaa kophaa kophaatti cimaa ta'uudhaan ba'uu; guddinaa fi misoomni diinagdee sirrii mirkanaa'uu hin danda'u. Taatota diinagdee kanneen gidduu hariiroo fi hidhata cimaan osoo hin hiikamin yoo hafe rakkinoota uumamaniin hir'ina sirnaa jenna.

Close window